Tuesday, January 27, 2009

Waamicha Walgahii (Frankfurt, Germany)


Waamicha walgayii

Seminaara ummataa fi do`annoo sirba
aadaa saba Oromo biyya Jarmanii kessa
itti geggefamuf qindaawe irraa akka qooda fudhattaniif (hirmaattaniif) kabajaa Oromummaa hundeefateen isin aferra.


Guyyaa seminaarri geggefamu: Guraandhala (Feburary)14 bara 2009

Yeroo sagantaa seeminaraa: 10:00 AM - 18:00 (6:00) PM

Yeroo sagantaa sirba aadaa: 20:00 (8:00) PM -
6:00 AM

Iddoo walgayii: magalaa Frankfurt; Johann Wolfgang Universität; Mertonstr 26 -28.

Akkataa gara galma walgayii deemamu: Train lakkofsa U4 Hauptbanhof (main station) irraa qabachuun station lama (2) booda bakka Bockenheimwarte jedhamu itti butanii lafa-jalaa oli ba`un gara galma walgayii adeemtu.

Mata-duree seminaaraa

  • Gabaasa dhittaa mirga-dhala namaa motummaa TPLFn ummata Oromoo irra itti raawatame;
  • Garaagarummaa fi walittidhufeenya qabsoo bilisummaa karaa nagaa fi hidhannoo geggefamu (Mirga-namummaa ummata Oromoo kabachiisuuf barbaachiasummaa qabsoo nagaa fi hidhannoon geggefamu). Akkasumas xinxala gababaa siyasa qabsoo bilisummaa Oromoo kan gartuulee qaama ce`umsaa ABO, qaama jijjiramaa ABO, fi ABO dhaan geggefamaa jiru;
  • Ibsa haala qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo ammaa ABOn geggefamaa jiruu;
  • Xinxala haala ijaarsa hawaasoota Oromoo biyya ambaa fi Jarmanii (jabinaa fi laafina) fi tarsimoo ijaarsa hawaasoota Oromoo biyya ambaa jabessuu malu akekuu;
  • Xinxala sochii qabsoo bilisummaa barattoota Oromoo sadarkaalee mana barnootaa gulantaalee 1ffaa fi 2ffaa, kollejjii, fi Yunversitii kessa itti geggefamaa jiru bara 1992 irraa egalee (Analysis of Oromo student liberation struggle in Oromia since 1992 ).
Sirba aadaa saba Oromoo

Wallistooti sirba aadaa Oromoo agarsisuun dibamanii fi kennaa gutuu qaban kan akka wallisaa Mahadii, wallisaa Lencoo, fi wallisaa Wandimuun hirmaattota walgayii gammachisuuf qophaawaniru.

Injifatnnoon ummata Oromoof!

Koree qindeesituu

Jarmanii, Frankfurt

Amajjii 25 bara 2009

Photo (logo): OromiaTimes Web

1 Comments:

At 9:28 PM , Anonymous Home Renovation High Point said...

Hello mate greeat blog

 

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home