Seensa
Seeminaara kana kan qindeesse koree hojii geggesitu ABO godina Awuropaa ti.
Seminarri hawaasa Oromoo godina Awuropaa Caamsaa 23 bara 2009 ganama kessaa saatii11:30 irraa egalee waaree booda haga saatii 20:00 itti biyya Beeljigii, magaalaa Antwerpen kessa itti geggefame. Seminaarri kun akka sirna aadaa saba Oromootti ebba manguddooliin ergii banameen booda mata duree gurguddoo gosoota shan (5) irratti xiyyeeffachuun hirmaattotaaf dhiyaate. Isaanis:
1ffaa. Deemsa Siyaasa Gaanfa Afrikaa fi Sochii QBO ABOn Hogganamtu irra itti ibsa kan kenne Jalle Dawud Ibsa, hayyu duree gumii sabaa ABOti;
2ffaa. Dhibdee Walabummaa Seeraa Impaayera Itoophiyaa irra itti ibsa kan kenne Jaale Tashaalee Abarraa, abbaa seeraati;
3ffaa. Garaagrummaa mooraa QBO keessatti dhalatan maddaa fi Furmaata isaa irra itti barnoota kan keenan Dr. Alamayyoo Birruu, ogessa Sayinsii Philosophaati;
4ffaa. Gufuulee ABO Mudatanii fi Bu’aa Galma’anii jiran irra itti ibsa kan kenne Jalle Dhugomsaa Dhugasaa, miseensa gumii saba ABO gadaa dabireeti;
5ffaa. Qooda Dubbartootaa QBO fi Tajaajila Hawaasaaf kan jedhu irra itti ibsa kan kennite, Jalle Angatuu Balchaa; fi
6ffaa. Adeemsa hojii waldaa gargaarsa Oromoo (ORA) irra itti Jaalle Lidiyaa Namarraa, miseensa gumii sabaan ibsi kennameera.
Mata duroota seminaara armaan olitti tuqaman kanneen irratti walduraa duuban jaallan qabsoo oromoo keessatti muuxannoo dheeraa qabaniin, hayyoota dhimma siyaasaa fi mirga dhala namaa naannoo gaanfa Afrikaa irratti deemaa jiruu fi ture irratti qorannoo geggessan, xiinxaltoota siyaasaa, fi ogeessota seeraan barnootaa fi ibsi gadi-fagenyaan kennamee jira. Hirmaattooti seminaara kanaas gaaffilee fi yaada ijaaroo dhiheessuun mariin ballinaa erga geggefameen booda yaada walhubannoo tokko irra gahuun dhuma irra itti murtii fi ibsa ejjennoo armaan gadhii dabarfachuun seminaarichi milkii fi injifannoo boonsaan xumuramee jira.
Nuti miseensonni hawaasoota oromoo biyyoota Awuropa keessaa dhufne seminaara kana irratti hirmaachuun rakkoolee jireenya hawaasummaa, siyaasaa, fi dinagdee gaanfa Afrikaa keessa jiruu fi keessumattuu hacuuccaa mootummaan TPLF (Wayyaanee) saba Oromoo fi saboota Impaayera Itophiyaa keessa jiraatan irratti raawachaa jiru ilaalchisee ibsa hogganoota ABO, bakka bu'oota jaarmiyaalee mirgoota dhala-namaa ( human rights group), fi hayyoota siyasaa irraa kenname qalbii guutuu fi gaddaan dhaggeeffannee erga yaada waljijjiirree booda ummata Oromoo sirna gabronfannaa (kolonii) motummaa TPLF jalaa bilisomsuuf qabsoo hadhooftuu geggefamaa jiru tumsuu fi gumaata nu irraa barbaadamu gama hundaan kennuuf kutannee akka jirru ibsa armaan gadiin mirkaneessina.
-
Ummatni Oromoo wareegama qaalii gumachuun qabsoo bilisummaa biyya isaa Oromiyaa kessatti geggessaa jiruu fi haala hunda keessatti qabsoo bilisummaa ABOn finiinsaa jiru daran jabeessuuf waan qabsoon nu gaafatu maraan deeggarsa keenya cimsinee akka itti fufnu ibsina.
-
Wayyaaneen (TPLF) erga ol-antummaa meeshaa waranaan mootummaa Impaayera Itophiyaa bara1991 irraa eegalee dhunfatee jalqabee ummata Oromiyaa fi ummatooota cunqurfamoo kibba Itophiyaa irratti bifoota dhoksaa fi ifaan yakkoota dhittaa mirga namoomaa raawachaa turee fi jiruuf ni balaaleffanna!
-
Mootummaan wayyanee (TPLF) seraan ala ummata oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irraa maqaa investmenti jedhuun beenyaa tokko malee buqqisee arihuun lafa qonnaa Oromiyaa dureyotaaf hiruun qotee bultoota Oromiyaa hiyyummaa hiriyaa hin qabneef saxiluun umurii sirna gabronfannaa isaa tikfachuuf toftaa fi tarsimoo dirirfatee jiruf ni baalalefanna!
-
Mootummaan wayyanee (TPLF) seraan ala lafa qonnaa Oromoo dhaabbilee sadarkaa addunyaatti ababoo daldalan (International flower companies) itti gurgurachuun bu`aa dinagdee argataa jiruun mooraa waraanaa gargaarsa mootumoota duromaniin ijaarate sana jabeeffachuun ummata Oromoo sababii gabrummaa kessatti ittisaa jiruuf ni balaalefanna!
-
Mootummaan wayyanee (TPLF) tarsimoo faallaa misoomaa fi egumasa qabenyaa umamaa Oromiyaa kessa itti dirirsee jiruun: fakkenyaaf bishaan laga Awash fi haroo Qoqaa summii fayyaa dhala namaaf balaa ta`eef saxiluu, bosona umamaa dhabamsisuu, xaa´oo yeroon itti darbee hojii irra olchuun lafa-qonnaa borqaayina yeroo dheeraatti jijjiruu, jireenya ummata Oromiyaa balaa beelaa fi dhukkuboota daddarboof saaxiluu, fi kkf haala dhokasaa fi ifaan saganteeffatee waan raawachaa jiruuf guddifnee balaalefanna!
-
Mootummaan wayyanee (TPLF) qabeenya biyya Oromiyaa saamuun galii dinagidee isaa karaa tokko jabeeffataa karaa biraan ammo ummati Oromoo akka tajaajila egumasa fayyaa, bishaan qulqulluu, midhaan nyaataa, barnotaa, fi misooma aadaa barbaachisaa ta`e akka hin arganne gochuun sadarkaa guddina hawaasummaa fi dinagdee Oromiyaa foyya´iinsa dhorkuun egeree saba Oromoo balaa hiyyummaa hiriyaa hin qabneef saxilaa waan jiruuf ni balaalefanna!
-
Oromiyaan gargaarsa hawaasummaa karaa jaarmiyaalee miti motummaa (NGO) akka hin arganneef labsii sochii hojii misoomaa dhaabbilee miti motummaa ugguruu (danqu) motummaa wayyanee (TPLF) seraan ala waan dabarseef ni balaalefanna.
-
Jaarmiyaaleen siyasaa qabsoo bilisummaa Oromoo hogganaa jirtan hundi garaagarummaa xixiqqoo giddu kessan jiru mariin furachuun mooraa qabsoo bilisummaa angessuudhaan ummata Oromoo roorroo sirna gabronfannaa mootummaa wayyanee (TPLF) jalaa bilisoomsuuf akka waltumsuun qabsoo finiinsitan waamicha keenya isinii dhiyeesina.
-
Lammileen Oromiyaa roorroo sirna gabronfataa mootummaa wayyanee (TPLF) jalaa gara biyyoota alagaatti baqachuun kooluu gallee jirru hundi keenya sadarkaa ijaarsa jaarmiyaalee hawaasotaa fi waldaalee Oromoo biyyoota ambaa jiran jabeeffachuun waan nu irraa barbaadamu maraan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo daran tumsuuf walqunnamtii cimaan sochoonee akka hojjennu waamicha Oromummaa irratti hundayee isinii dhiheessina.
-
Humnootiin siyasaa impaayera Itophiyaa hundi keessan waltumsuu fi gamtaan qabsoo fininsuun akka sabootaa fi ummatoota dhaabbattaniif injiftannoo gonfachisuun sirna gabronfataa jaarmaya wayyaanee (TPLF) jalaa bilisa baaftan waamicha isinii dhiyeesina.
-
Gochaa faashistummaa fi sanyii dhala-namaa ballessii mootummaan TPLF saba Oromoo, Ogaadeen, Anyuwaak, Sidamaa, fi saboota biroo irratti raawwateef Mallas Zenawii fi hordoftooti isaa tessuma mana murtii yakka
addunyaa (ICC) irratti dhihaachuun yakkoota dhittaa mirga dhala namaa fi waraanaa ajaja angoo motummaan raawatameef akka ol-antummaa seroota adunyaan adabamaniif karaa jaarmiyaalee hawaasota addunyaa deeggersi barbaachisaa ta'e akka qaamota dhimma kana raawachisaniif godhamu
maqaa ummata Oromoon iyyannoo keenya dhiyeefanna.
Injifatnnoon ummata oromoof !
Hirmaattoota seminaara Hawaasa Oromoo godina Awuroppaa
Beljigii, Antwerpen,
Caamsaa 23 bara 2009
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home